عَنْ أَبٍي سَعِيدٍ الخُدْرِيَّ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ:
أَنَّ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ جَلَسَ ذَاتَ يَوْمٍ عَلَى المِنْبَرِ وَجَلَسْنَا حَوْلَهُ، فَقَالَ: «إِنِّي مِمَّا أَخَافُ عَلَيْكُمْ مِنْ بَعْدِي، مَا يُفْتَحُ عَلَيْكُمْ مِنْ زَهْرَةِ الدُّنْيَا وَزِينَتِهَا» فَقَالَ رَجُلٌ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، أَوَيَأْتِي الخَيْرُ بِالشَّرِّ؟ فَسَكَتَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ، فَقِيلَ لَهُ: مَا شَأْنُكَ؟ تُكَلِّمُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ وَلاَ يُكَلِّمُكَ؟ فَرَأَيْنَا أَنَّهُ يُنْزَلُ عَلَيْهِ؟ قَالَ: فَمَسَحَ عَنْهُ الرُّحَضَاءَ، فَقَالَ: «أَيْنَ السَّائِلُ؟» وَكَأَنَّهُ حَمِدَهُ، فَقَالَ: «إِنَّهُ لاَ يَأْتِي الخَيْرُ بِالشَّرِّ، وَإِنَّ مِمَّا يُنْبِتُ الرَّبِيعُ يَقْتُلُ أَوْ يُلِمُّ، إِلَّا آكِلَةَ الخَضْرَاءِ، أَكَلَتْ حَتَّى إِذَا امْتَدَّتْ خَاصِرَتَاهَا اسْتَقْبَلَتْ عَيْنَ الشَّمْسِ، فَثَلَطَتْ وَبَالَتْ، وَرَتَعَتْ، وَإِنَّ هَذَا المَالَ خَضِرَةٌ حُلْوَةٌ، فَنِعْمَ صَاحِبُ المُسْلِمِ مَا أَعْطَى مِنْهُ المِسْكِينَ وَاليَتِيمَ وَابْنَ السَّبِيلِ - أَوْ كَمَا قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ - وَإِنَّهُ مَنْ يَأْخُذُهُ بِغَيْرِ حَقِّهِ، كَالَّذِي يَأْكُلُ وَلاَ يَشْبَعُ، وَيَكُونُ شَهِيدًا عَلَيْهِ يَوْمَ القِيَامَةِ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 1465]
المزيــد ...
Abuu Sa’iid Al-Khudrii irraa akka odeeffametti, Rabbiin irraa haa jaallatu:
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- gaafa tokko minbara irra taa'anii nutis isaan bira osoo taa'aa jirruu, akkana jedhan: «Ani booda kootii waanin isiniif sodaadhu keessaa tokko daraaraa fi faayni addunyaa isininitti banamuudha» namni tokko akkana jedhe: Yaa Ergamaa Rabbii wanti Gaariin waan hamaa ni fidaa? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- callisanii jennaan, namichaan akkana jedhame: Maaltu si mudate? Nabiyyii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- ni dubbiftaa isaan si hin dubbisan? (Wahyiin) kan itti buufamu ta'uu argine, eegasii dafqa of irraa haxaa'anii akkas jedhan: «Namichi gaafii dhiheesse eessa jira» akka waan Alhamdulillaah jedhaniiti, eegasii akkas jedhan: «wanti gaarin hamaan hin dhufu, dhugumatti waan birraan biqilchu keessaa kan ajjeesu ykn kan du'atti dhiheessu jiraachuu danda'a, ishee magariisa nyaattu malee, Hanga kaleen ishee lamaan diriirutti nyaattee booda gara aduutti garagaltee udaantee fincaantee, dheedde, qabeenyi kun magariisaa fi mi'aawaadha, qabeenyi muslimaa kan irraa miskiinaf, yatiimaa fi nama karaa deemuuf kennu waa tolee, ykn akkuma Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- jedhan, Namni haqa isaatin malee isa fudhatu akka nama nyaatee hin quufneti, guyyaa qiyaamaa immoo irratti ragaa ta'a».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 1465]
Gaaf tokko Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- minbara irra taa'anii sahaabota isaanii waliin haasa'aa akkana jedhan:
Booda kootii wanti ani baay'ee isiniif sodaadhu barakaa dachii fi daraaraa, faaya fi miidhagina addunyaa, akkasumas wantoota ishee keessa jiran, gosoota meeshaalee, uffataalee, sanyii midhaanii garagaraa fi kan biroo wantoota yeroo dheeraa turuu dhabuu waliin namoonni bareedina isaatin dhaaddatan irraa waan isinitti banamuudha.
Namni tokko akkana jedhe: Daraaraan biyya addunyaa qananii Rabbiin biraa ta'e, qananiin kun deebi'ee balaa fi adabbii ta'aa laata?!
namoonni namicha gaafate kan ni komatan, yeroo isaanii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- callisan arganii, inni waan isaan dallansiise itti fakkaatetti.
Eegasii wahyiin akka isaan irratti -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- bu'aa jiru ta'uun ifa ta'e, sana booda dafqa adda isaanii irraa haxaa’utti seenan, eegasii akkana jedhan: Gaafataan eessa jira?
Innis ana jedhe.
Rabbiin galateeffatani faarsanii, eegasii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan: kheyriin dhugaan kheyriin malee hin dhufu, garuu daraaraan duuniyaa tun kheyrii qulqulluu miti, sababa qorumsa, wal dorgommii fi aakhiraaf of kennanii hojjachuu irraa isheen qabamutti waan nama geessituuf jecha, eegasii sanaaf fakkeenya fayyadamuun, akkas jedhan: Biqiltuun birraa fi magariisummaan isaa; kunis gosa biqiltuu beeladaa hawwatuu fi sababa nyaata garmalee nyaachuutiin kan ajjeesu, ykn ajjeesuutti kan dhihaatudha, ishee magariisa nyaattu malee, hanga garaan ishee guutamutti nyaattee, eegasii aduutti garagaltee faltii garaa ishee keessa jiru bifa laafaan ta'een darbiti ykn fincaanti, eegasii waan qochimaa ishee keessa jiru ol baaftee alalchitee eegasii lirimsiti, eegasii immoo deebitee dheeddi.
Qabeenyi kun akka biqiltuu magariisa mi'aawaa ta'eeti, baay'ina isaatin nama ni ajjeesa ykn ajjeesutti ni dhihaata, hanga haajatii fi waan isaan of ga'uun argamutti karaa halaala ta'een itti fayyadamuun yoo sana irratti gabaabbate malee, kun isa hin miidhu. Qabeenyi muslimaa kan irraa miskiinaf, yatiiimaa fi nama karaa deemuuf kennu ee waa tolee, Nama haqa isaatin isa fudhate Rabbiin isa keessatti barakaa isaaf godha, haqa isaatin malee isa fudhate immoo fakkeenyi isaa akka nama nyaatee hin quufneti, guyyaa qiyaamaa irratti ragaa ta'a.