عَنْ أَبِي مُوسَى رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ النَّبِيُّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«مَثَلُ الَّذِي يَذْكُرُ رَبَّهُ وَالَّذِي لاَ يَذْكُرُ رَبَّهُ، مَثَلُ الحَيِّ وَالمَيِّتِ»، ولفظ مسلم: «مَثَلُ الْبَيْتِ الَّذِي يُذْكَرُ اللهُ فِيهِ، وَالْبَيْتِ الَّذِي لَا يُذْكَرُ اللهُ فِيهِ، مَثَلُ الْحَيِّ وَالْمَيِّتِ».
[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 6407]
المزيــد ...
Abuu Muusaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe: Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu fi kan hin yaadannee akka warra jiranii fi warra du’aniiti», Jecha Muslim tokko keessatti: «Fakkeenyi mana Rabbiin keessatti zakkaramuu fi hin zakkaramnee akka nama warra jiranii fi warra du’aniiti».
[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 6407]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- garaagarummaan nama Rabbii ol ta'e yaadatuu fi hin yaadanne gidduu jiru faayidaa qabaachuu fi bifti isaa toluu keessatti akka garaagarummaa nama lubbuu qabuu fi nama du’ee gidduu jiruu akka ta'e ibsan. Fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuu akka nama gubbaan isaa ifa jireenyatiin, keessoon isaa immoo ifa beekumsaatiin faayameeti, Fakkeenyi nama Rabbiin hin zakkarree akka nama du’ee gubbaan isaa faayidaa hin qabne, keessoon isaa sobaan guutamee fi isa keessa bu'aan tokkolleen hin jirreeti.
Akkasuma manni tokko jiraattonni isaa Rabbiin yoo yaadatan jiraa jedhamee ibsama, akkasta’uu baannaan inni mana du'aadha, jiraattonni isaa waan Rabbi zakkaruu irraa dagataniif jecha, Mana ibsuu keessatti kan jiruu fi kan du’e jechuutti kan fedhame jiraataa manaati.