1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. aqiidaa

Hadiisa Ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti

عن جندب رضي الله عنه قال:
سَمِعْتُ النَّبِيَّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَبْلَ أَنْ يَمُوتَ بِخَمْسٍ وَهُوَ يَقُولُ «إِنِّي أَبْرَأُ إِلَى اللهِ أَنْ يَكُونَ لِي مِنْكُمْ خَلِيلٌ فَإِنَّ اللهَ تَعَالَى قَدِ اتَّخَذَنِي خَلِيلًا كَمَا اتَّخَذَ إِبْرَاهِيمَ خَلِيلًا، وَلَوْ كُنْتُ مُتَّخِذًا مِنْ أُمَّتِي خَلِيلًا لَاتَّخَذْتُ أَبَا بَكْرٍ خَلِيلًا! أَلَا وَإِنَّ مَنْ كَانَ قَبْلَكُمْ كَانُوا يَتَّخِذُونَ قُبُورَ أَنْبِيَائِهِمْ وَصَالِحِيهِمْ مَسَاجِدَ، أَلَا فَلَا تَتَّخِذُوا الْقُبُورَ مَسَاجِدَ! إِنِّي أَنْهَاكُمْ عَنْ ذَلِكَ».

Jundub irraa odeeffamee -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Osoo hin du'iniin duratti guyyaa shaniin Nabiyyiidhaa akkas jedhuun dhagahe: "Ani gara Rabbiittan of qulqulleessa isin irraa jaalalleen anaaf ta'uu irraa, dhugumatti Rabbiin ol ta'e jaalallee na taasifatee jira, akkuma ibraahimiin jaalallee taasifatetti, osoon kan ummata koo irraa jaalallee taasifadhu ta'ee silaa Abuu Bakiriinan jaalallee taasifadha, dhagahaa! worroonni isiniin dura turan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaanii masjiidota taasifataa turan, dhagahaa! qabriiwwan masjiidota hin taasifatinaa, ani sana irraan isin dhoorga''.

sirrii Muslimtu gabaase Sahiiha muslim - 532

Ibsa

Nabiyyin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- sadarkaa isaanii kan Rabbiin biratti qaban irraa dubbatan, isiin dhugumatti irra olaanaa sadarkaa jaalalaa irra geesse, akkuma Ibraahiim isii argatee jirutti -nageenyi isa irratti haa jiraatu- kanaaf Rabbiin malee jaalalleen biraa isaanif ta'uu morman; waan qalbiin isaanii jaalala Rabbii ol ta'ee, Isa guddisuu fi Isa beekuun guutameef jecha, Rabbiin malee waan jiruuf eenyuufuu bal'achuu hin danda'u. Osoo uumamtoota irraa jaalalleen kan isaanif ta'u ta'ee silaa Abuu Bakir assiddiiqtu ta'aaf ture -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- Eegasii jaalala keessatti daangaa eeyyamame darbuu irraa sodaachisan, akka yahuudaanii fi nasaaraan qabrii nabiyyootaa fi gaggaarota isaaniitti hojjatanitti, hanga gooftota shariika Rabbii gaditti gabbaraman taasifatanitti, qabrii isaanii irratti masjiidotaa fi bakka gabbartii ijaaran, ummata isaanii fakkaataa hojii jira kanaa hojjatuu irraa dhoorgan -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu-

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Sadarkaa Abuu Bakir assiddiiq -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- qabuudha, inni dugumatti irra caalaa sahaabotaa fi booda du'a Rasuulaatiis -Rabbiin rahmataa fi nageenya isa irratti haa buusu- bakka bu'ummaaf irra haqa godhataa namootaa ta'uu.
  2. Qabrii irratti masjiiidota ijaaruun badiiwwan ummatoota dura darbanii irraa ta'uu.
  3. Qabrii iddoo ibaadaa taasifatanii isii biratti salaatamuun, yookaan gara isitti salaatamuun dhoorgaa ta'uu, akkasumas isii irratti masjiidoonni ijaaramuu, ykn qubbaawwan ijaaramuun dhoorgaa ta'uudha, sababaa sanaatiif shirkii keessa seenuu sodaaf jecha.
  4. Namoota gaggaarii keessatti daangaa darbuun waan gara shirkitti nama geessuuf jecha isarraa sodaachisuudha.
  5. Hammeenya waan Nabiyyiin -Rabbiin rahamataa fi nageenya isa irratti haa buusu- irraa sodaachisanii, akkuma du'a isaanitiin dura halkan shaniin gadi jabeessanii himanitti.

Hiikkaawwan dhiheessuu

68 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
FR Français الفرنسية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
JA 日本語 اليابانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
KY Кыргызча القيرقيزية
NE नेपाली النيبالية
YO Yorùbá اليوروبا
LT Lietuvių الليتوانية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
TG тоҷикӣ الطاجيكية
RW Kinyarwanda الكينياروندا
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
CS Čeština التشيكية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
FF Fulfulde الفولانية
IT Italiano الإيطالية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
BG Български البلغارية
AZ Azərbaycan الأذربيجانية
EL Ελληνικά اليونانية
AK Akan الأكانية
UZ O‘zbek الأوزبكية
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
LN Lingala اللينجالا
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
BM Bambara البامبارية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية
DA Dansk الدنماركية
RN Kirundi الكيروندي
KMR Kurmancî الكرمنجية
MS Bahasa Melayu الملايو