عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رضي الله عنه عَنِ النَّبِيِّ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ قَالَ:
«مَنْ كَانَتْ لَهُ امْرَأَتَانِ فَمَالَ إِلَى إِحْدَاهُمَا، جَاءَ يَوْمَ الْقِيَامَةِ وَشِقُّهُ مَائِلٌ».
[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي وابن ماجه وأحمد] - [سنن أبي داود: 2133]
المزيــد ...
Abuu Hureyraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni isaan irratti haa jiraatu- akkas jedhan:
«Namni haadha manaa lama qabaatee gara takkatti dabe, guyyaa qiyaamaa cinaachi isaa gara tokkotti dabee dhufa».
[sirrii] - [رواه أبو داود والترمذي والنسائي وابن ماجه وأحمد] - [Sunana abbaa daawud - 2133]
Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- namni haadha manaa tokkoo ol qabaatee haadhotii manaa isaa hanga danda’ametti kan akka baasii, iddoo jireenyaa, uffata, fi bultii irratti wal qixa hin ilaalle, guyyaa qiyaamaa qaamni isaa gar tokkee ta'ee akka dhufu himan, gara tokkotti dabuun jallina isaa irratti isa adabuuf jecha, akkuma wajji jireenya isaa keessatti dabetti.