عَنْ مُعَاوِيَةَ الْقُشَيْرِيِّ رضي الله عنه قَالَ:
قُلْتُ: يَا رَسُولَ اللَّهِ، مَا حَقُّ زَوْجَةِ أَحَدِنَا عَلَيْهِ؟، قَالَ: «أَنْ تُطْعِمَهَا إِذَا طَعِمْتَ، وَتَكْسُوَهَا إِذَا اكْتَسَيْتَ، أَوِ اكْتَسَبْتَ، وَلَا تَضْرِبِ الْوَجْهَ، وَلَا تُقَبِّحْ، وَلَا تَهْجُرْ إِلَّا فِي الْبَيْتِ»

[حسن] - [رواه أبو داود وابن ماجه وأحمد] - [سنن أبي داود: 2142]
المزيــد ...

Mu'aawiyaa al-Qushayrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jedhe:
Akkana jedheen: Yaa Ergamaa Rabbii haqni haadha manaa tokkoo keenyaa kan isa irratti qabdu maali? ni jedhan: «Yeroo ofii nyaattu ishee nyaachisuu, yoo ofii uffatte ishees uffisuu, fuula ishee dhahuu dhabuu, fokkattuu jechuu dhabuu fi mana keessatti malee isheen ooduu dhabuudha».

[hasani] - [abuu daawud, ibnu maajah, ahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 2142]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhamanii gaafataman: haqni haati manaa abbaa manaa ishee irraa qabdu maali? Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dhimmoota hedduu kaasan, sana keessaa:
Tokkoffaa: ishee dhiiftee ofii kee qofaaf hin nyaatin, yeroo nyaattu hunda ishee nyaachisu qabda.
Lammaffaa: Yeroo uffata uffattu ofii kee qofaaf hin uffatin, yeroo ofii uffatte ishees uffisuu qabda, akkasumas yeroo argattee fi dandeesse.
Sadaffaa: Sababaa fi barbaachisummaa malee hin rukutamtu, yeroo adaba qabsiisuuf ykn isheen waajiba dhiisuuf ishee rukutuu barbaade rukutiinsa ishee hin fokkifne ta'uu qaba, fuula keessa ishee rukutuu hin qabu; Sababni isaas fuulli kutaa qaamaa keessa isa guddaa fi mul’atu waan ta’eef jecha, akkasumas qaama kabajamaa fi lallaafaa of keessaa qaba waan ta'eef jecha.
Afraffaa: Ishee hin arrabsin, ykn akkana hin jedhiniin: "Rabbiin fuula kee haa fokkisu", Fuula ishees ta'ee qaama ishee kamiyyuu fokkina faallaa bareedinaa ta'een kaasuu hin qabu; sababni isaas Rabbii ol ta'eetu isa uume waan ta'eef jecha, inni waan uume hunda bareechee uume, uumama arrabsuun uumaa arrabsuutti nama geessa Rabbiin irraa nu haa eegu.
Shanaffaa: bakka hirriibatti malee isheen hin oodin, irraas gara hin galin, gara mana biraattis ishee hin gaggeessin, tarii gochi kun yeroo hiriyoonni gaa’elaa lamaan waliin oodan kan barame ta’uus danda'a.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Sahaabonni haqoowwan namootaa kan isaan irra jiru namoota biroof raawwachuu qaban beekuuf bolola cimaa akka qabaniidha, haqoowwan isaanis namoota biroo irraa qabanis beekuuf bolola akka qabaniidha.
  2. Abbaa manaa ishee irratti dubartii qallabuun, uffisuu fi eddoo jireenyaa itti godhuun dirqama ta'uudha.
  3. Maqaa balleessuun keessoo fi alaa dhoorgaa ta’uudha.
  4. Arrabsoo dhoorgame keessaa akkana jechuudha: "ati gosa gadi aanaa irraa dhufte, ykn maatii badaa irraa dhufte, ykn waan kana fakkaatu jedhanii arrabsuudha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa dabaltii (45)