عَنِ ابْنِ عَبَّاسٍ رضي الله عنهما قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«لَا يَنْظُرُ اللهُ إِلَى رَجُلٍ أَتَى رَجُلًا أَوِ امْرَأَةً فِي دُبُرٍ».

[صحيح] - [رواه الترمذي والنسائي في الكبرى] - [السنن الكبرى للنسائي: 8952]
المزيــد ...

Ibnu Abbaas irraa akka odeeffametti, Rabbi isaan lamaan irraa haa jaalatu, akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Rabbiin nama wal qunnamtii saalaa raawwachuuf gara dhiiratti dhufu ykn dubartitti gara duubatiin itti hin ilaalu».

[sirrii] - [رواه الترمذي والنسائي في الكبرى] - [sunana kunraa nasaa'ii - 8952]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- nama dubartiis ta'ee dhiira hudduu isaa keessa qunnamtii saalaa raawwatu ija rahmataatin akka isa hin ilaalle ibsan, gochi kun diliiwwan gurguddaa keessaa tokkoodha.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dhiirri dhiira biraa wajjiin wal qunnamtii saalaa raawwachuun -inni liwaax jedhama- diliiwwan gurguddaa keessaa isa tokkoodha.
  2. Dubartii waliin wal qunnamtii saalaa karaa hudduutin raawwachuun diliiwwan gurguddaa irraa lakkaa'ama.
  3. (Rabbiin hin ilaalu) jechuun ilaalcha araaraa fi gara laafina jechuudha malee ilaalcha waliigalaa miti; sababni isaas Rabbii ol tahe jalaa wanti dhokate hin jiru waan ta'eef jecha, akkasumas wanti ija isaa irraa fagaatus hin jiru waan ta'eef jecha.
  4. Gochoonni kunneen wantoota jibbisiisoo dhala namaatiif balaa guddaa geessisan keessaa tokko dha; Sababni isaas uumama dhala namaa waliigalaa faallessuun, sanyii xiqqeessuun, jireenya gaa’elaa balleessuun, diinummaa gadi dhaabuu fi iddoolee jibbamoo ta'an keessatti argamuun waan isa keessa jiruuf jecha.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa dabaltii (45)
dabaltii