عن أبي هريرة رضي الله عنه قال: قال رسول الله صلى الله عليه وسلم:
«مَلْعُون مَنْ أتَى امرأتَه في دُبُرِها».

[حسن] - [رواه أبو داود والنسائي في الكبرى وأحمد] - [سنن أبي داود: 2162]
المزيــد ...

Abuu hurayraa irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkas jedhan:
«Namni haadha manaa isaa wajjiin wal qunnamtii saalaa karaa hudduu isheetin raawwate abaaramaa dha».

[hasani] - [abuu daawudii,odeesse. nsaa'iinis kubraa keessatti odeesse, ahmadis odeesse] - [Sunana abbaa daawud - 2162]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- abbaan manaa haadha manaa isaa waliin walqunnamtii saalaa karaa duuba isheetin raawwachuu irraa akeekkachiisan, inni abaaramaa fi rahmata Rabbii irraa fageeffamaadha jechuun, inni dilii gurguddoo irraayi.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Dubartoota karaa duuba isaanitiin wal qunnamtii saalaatif itti dhufuun haraama ta'uudha.
  2. Hudduun ishee qofti osoo haftuu qaama haadha manaa hundatti qanani'uun ni danda'amaadha.
  3. Muslimni akka Rabbiin ajajetti dubartii tokko waliin wal qunnamtii saalaa raawwachuuf karaa qaama saalaa isheetin itti dhufa, gara duubatiin itti dhufuun immoo uumama sirrii faallessuu, bishaan sanyii balleessuu fi miidhaa cimaa abbaa manaa fi haadha manaatti geessuutu isa keessa jira.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa dabaltii (46)