عَنْ عَائِشَةَ أُمِّ المُؤْمِنينَ رَضِي اللهُ عنْها قَالَتْ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«أَيُّمَا امْرَأَةٍ نَكَحَتْ بِغَيْرِ إِذْنِ مَوَالِيهَا، فَنِكَاحُهَا بَاطِلٌ -ثَلَاثَ مَرَّاتٍ- فَإِنْ دَخَلَ بِهَا فَالْمَهْرُ لَهَا بِمَا أَصَابَ مِنْهَا، فَإِنْ تَشَاجَرُوا فَالسُّلْطَانُ وَلِيُّ مَنْ لَا وَلِيَّ لَهُ».

[صحيح] - [رواه أبو داود والترمذي وابن ماجه وأحمد] - [سنن أبي داود: 2083]
المزيــد ...

Aa'ishaa Haadha Mu’mintootaa irraa akka odeeffametti -Rabbiin irraa haa jaallatu- akkana jette: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- akkana jedhan:
«Dubartiin hayyama waliyyii ishee malee heerumte kamiyyuu, gaa’elli ishee seera qabeessa miti -yeroo Sadii- yoo ishee waliin qunnamtii saalaa raawwate, sababa saniif mahriin isheef dirqama taha, yoo wal dhabdee keessa seenan sulxaanni waliyyii nama waliyyii hin qabneeti».

[sirrii] - [abuu daawud, tirmizii, ibnumaajah fii ahmad odeessan] - [Sunana abbaa daawud - 2083]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- dubartiin tokko hayyama waliyyii (eegdota) ishee malee akka of hin heerumsiifne, akkasumas heerumni ishee seera qabeessa akka hin taane akeekkachiisanii, akka waan inni hin taaneetti yeroo sadii irra deebi’anii akkas jedhan.
Eeeyama waliyyii isheetin malee inni ishee fuudhe ishee waliin qunnamtii saalaa raawwate, sababa qunnamtii raawwateef mahrii guutuun isheef dirqama taha.
Eegasii waliyyoonni waa'ee hidhaa nikaaha irratti yoo wal falman -sadarkaan isaanii isa keessatti wal qixa ta'uu waliin- isaan keessaa kan dursuutu nikaaha hidhuu danda'anda'a, waan isheef gaarii kan ilaale yoo ta'eedha, yoo waliyyiin nikaaha hidhuu dide akka waliyyii hin qabnetti lakaa'amti, yeroo sana waliyyii isheen Hogganaadha ykn abbaa murtii isaati, ykn fakkaatota isaaniti, akkas ta'uu dhabnaan waliyyiin osoo jiruu hogganaan waliyyii isheef ta'uu hin danda'u.

bu.aa hadiisa irraa

  1. Gaa’elli seera qabeessa akka ta’uuf ulaagaan tokko waliyyiin jiraachuu dha, Ibnulmunzir sahaabota keessaa tokkolleen kan ejjennoo kanaan faallaa ta’e akka hin jirreetu irraa gabaafame.
  2. Fuudhaa fi heeruma seera qabeessa hin taane keessatti dubartiin dhiirri ishee waliin wal qunnamtii raawwate sababaa sanaan mahrii haqa godhatti.
  3. Sulxaanni waliyyii dubartoota waliyyii hin qabneeti, kunis tasumaa waan hin qabneef yookaan sababaa ishee heerumsiisuu diduutin ta'us tokkuma.
  4. Abbaan taayitaa waliyyii dubartii waliyyii hin qabneeti, haala waliyyiin hin jirre keessatti ykn inni argamuun bakka jabaatetti, dhimma kana keessatti abbaan murtii bakka isaa dhaabbachuu ni danda'a; inni dhimmoota kanneen keessatti bakka bu'aa isaa waan ta'eef jecha.
  5. Dubartiin heerumuu keessatti waliyyiin jiraachuu qaba jechuun isheen mirga hin qabdu jechuu miti, isheen mirga qabdi waan ta’eef waliyyiin ishees hayyama isheetiin malee heerumsiisuun hin hayyamamuuf.
  6. Ulaagaaleen gaa’ila seera qabeessaa: Tokkoffaa: Hiriyoonni gaa’elaa lameen akeekuudhaan, ykn maqaa dhawuudhaan, ykn eenyummaa isaanii ibsuudhaa fi kkf baramuu qaban, Lammaffaa: tokkoon tokkoon hiriyaa gaa’elaa isa kaan jaalachuu qaba. Sadaffaa: dubartiif nikaaha kan hidhu waliyyiin jiraachuu qaba. Afraffaa: yeroo sirni nikaahaa raawwatamuu ragoonni jiraachuu qaba.
  7. Ulaagaalee waliyyii nikaaha hidhuuf guutamuu qaban: tokkoffaa: sammuun fayyaa qabaachuu, lammaffaa: saalaan dhiira tahuu, sadaffaa: umriin isaa gahuu, waggaa kudha shan gahuun, ykn dhangala'aan saalqunnamtii irraa bahuun, afraffaa: amantiin isaanii tokko tahuu, Kaafirri dhiira muslimaa ykn dubartii muslimaa irratti waliyyummaa hin qabaatu, akkasuma dhiirri muslimaa kaafira dhiiraa ykn dubartii kaafiraa irratti waliyyummaa hin qabu, shanaffaa: amanamummaa faallaa faasiqummaa kan ta'e qabaachuu qaba, faayidaa nama heeruma isiitif itti gaafatamummaa qabu ilaaluun ni gaya. Jahaffaa: waliyyiin sun nama qajeeluma qabu kan gowwaa hin taane ta'uu qaba. Kana jechuun nama gita ishee tahee fi faayidaa heerumni intala sanaaf qabu beekuu irratti nama dandeettii qabu ta'uu qaba jechuudha.
  8. Hewrumsiisuu keessatti waliyyoota dubartiitif fuqahaa'a biratti sadarkaa qaban, sana irraa tarkaanfachuun hin ta'u, bakka inni dhabametti malee ykn ulagaa hin guuttatinitti malee, sadarkaa duratti waliyyiin dubartii abbaa isheeti, eegasii nama inni nikaaha akka hidhuuf dhaame, eegasii akaakayyuu gama abbaatin ta'e, olillee fagaatu, eegasii ilma isheeti, eegasii ilmaan ilmaan isaati, yoo gadi bu'anillee, eegasii obboleessa ishee kan haadhaa fi abbaanis tokko ta'e, eegasii obboleessa ishee kan abbaan ta'e, eegasii ilmaan isaan lamaaniti, eegasii abbeeraa ishee kan haadhaa fi abbaanis ta'e, eegasii abbeeraa ishee kan abbaa qofaan ta'e, eegsaii ilmaan isaan lamaaniti, eegasii kan dhiyeenya qaban, achiis kan hidda dhalootaa akka dhaalmayaatin dhihoo ta’an, Nama Waliiyyii hin qabneef abbaan taayitaa muslimaa fi namni isa irraa bakka bu'u kan akka abbaa murtii waliyyii ta'aaf.
Garsisuu hiikowani
afaan: Ingiliffaa Orduu Indoneziyaffaa dabaltii (46)