+ -

عَنْ أَبِي هُرَيْرَةَ رَضِيَ اللَّهُ عَنْهُ قَالَ: قَالَ رَسُولُ اللَّهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ:
«كُلُّ سُلاَمَى مِنَ النَّاسِ عَلَيْهِ صَدَقَةٌ، كُلَّ يَوْمٍ تَطْلُعُ فِيهِ الشَّمْسُ يَعْدِلُ بَيْنَ الِاثْنَيْنِ صَدَقَةٌ، وَيُعِينُ الرَّجُلَ عَلَى دَابَّتِهِ فَيَحْمِلُ عَلَيْهَا أَوْ يَرْفَعُ عَلَيْهَا مَتَاعَهُ صَدَقَةٌ، وَالكَلِمَةُ الطَّيِّبَةُ صَدَقَةٌ، وَكُلُّ خُطْوَةٍ يَخْطُوهَا إِلَى الصَّلاَةِ صَدَقَةٌ، وَيُمِيطُ الأَذَى عَنِ الطَّرِيقِ صَدَقَةٌ».

[صحيح] - [متفق عليه] - [صحيح البخاري: 2989]
المزيــد ...

Abuu Hureyraa irraa odeeffame Rabbiin irraa haa jaallatu akkana jedhe: Ergamaan Rabbii -nagaa fi rahmatni irra haa jiraatu- akkana jedhan.
«Humna ilma namaa guutuu irraa sadaqaatu jira, guyyaa aduun baatu hundatti nama lama walitti araarsuun sadaqaadha, nama tokko yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gargaaruun sadaqaadha, jechi gaariin sadaqaadha, tarkaanfiin inni gara salaatatti godhu hundi sadaqaadha, wantoota miidhaa geessisan karaa irraa deemsisuun sadaqaadha».

[sirrii] - [Bukharif muslim irratti waliigalan] - [Sahiiha bukhaarii - 2989]

Ibsaa

Nabiyyiin -nagaa fi rahmanni irra haa jiraatu- Muslima dirqama qabu hunda irratti guyyaa guyyaan Lakkoofsa humna lafee isaatin sadaqaan sunnaa akka jiruu fi sadaqaan kunis Rabbiin ol tahe fayyaa waan isaaf kenneef galata akka galchuuf jecha akka tahe ibsan. lafeen isaa humna humna qabaachuun qabuu fi diriirsuu irratti isa gargaara. Sadaqaa kun hojii gaarii hundaan kan raawwatamu yoo ta'u malee maallaqa kennuu irratti kan dhaabbanne ta'uu ibsaniiru, kanneen keessaa: Nama lama kan wal dhaban walitti araarsuun sadaqaa dha. Nama dadhabaa yaabbii isaa akka yaabbatu ykn meeshaa isaa akka irratti fe'atu gaargaaruun kee sadaqaadha. Jechi gaariin kan akka zikrii, du'aa'ii, salaamtaa namaan jechuu kan biroos sadaqaadha. Tarkaanfiin ati gara salaatatti gootu hundi sadaqa dha. Waan miidhaa geessisu karaa irraa deemsisuun sadaqaa dha.

Hiikaa: Ingiliffaa Orduu ispeeniffaa Indoneziyaffaa igooriffaa bangaaliffaa Faransaayiffaa turkiffaa hiikaa raashiyaa boosniyaffaa hiikaa sanhaaliffaa afaan Hindii chaayiniffaa faarisiffaa vetenaamiffaa tagaaloogiffaa kurdiffaa hoosaa portuugaaliffaa malayalaamiffaa tilgoo sawaahiilii taaylaandiffaa bishtuu asaamiiffaa suweydiffaa Amaariffaa holaandiyaa goojaaraatiffaa qargiiziffaa neebaaliffaa yoorbaffaa daryaffaa HSomaaliffaa keniyaa ruwaandiya roomaniyaffaa maalaagaashiyaffaa kanadiffaa
Garsisuu hiikowani

bu.aa hadiisa irraa

  1. Akkaataan lafeen ilma namaa walitti itti qabamee fi nagaa tahuun isaa nageenyi isaa qananiiwwan gurguddoo Rabbiin ol tahe namaaf kenne keessaa isa tokkoodha, qananii kana irratti galateeffachuuf tokkoo tokkoon lafee kana hunda irraa sadaqaa baasuun barbaachisaadha.
  2. Itti fufiinsa qananii kanaatiif guyyaa guyyaan galata akka haaromsinu jajjabeessuu fi hawwisiisuudha.
  3. Guyyaa guyyaan itti fufinsaan sunnoowwanii fi sadaqaalee hojjechuu irratti kakaasuudha.
  4. Namoota wal lolan jiddutti araara buusuun sadarkaa qabaachuudha.
  5. Namni tokko obboleessa isaa akka gargaaru kakaasuudha; sababni isaas inni isa gargaaruun sadaqaa waan taheef jecha.
  6. Namoonni jama’aa irratti akka argamanii fi miilaan gara sanitti akka deeman kakaasuudha, akkasumas masjiidota sanaan akka jiraachisan kakaasuudha.
  7. Waan isaan rakkisu ykn miidhu kamiyyuu irraa fagaachuun karaa muslimootaa kabajuun dirqama ta'uudha.