1. Fuula Duraa
  2. Maxxansaawwan
  3. fiqhiifii beekkomsa hundee isaa

Hadiisa Nama guyyaa tokko karaa Rabbii keessatti soome Rabbiin woggaa torbaatama fuula isaa ibidda irraa fageessa

عَنْ أَبِي سَعِيدٍ الْخُدْرِيِّ رَضِيَ اللهُ عَنْهُ قَالَ: سَمِعْتُ رَسُولَ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ يَقُولُ:
«مَنْ صَامَ يَوْمًا فِي سَبِيلِ اللهِ بَاعَدَ اللهُ وَجْهَهُ عَنِ النَّارِ سَبْعِينَ خَرِيفًا».

Abuu Sa'iid Al-khudrii irraa akka odeeffametti -Rabbiin isa irraa haa jaallatu- ni jedhe: Ergamaa Rabbiitii -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- akkas jedhuun dhaga'e:
«Nama guyyaa tokko karaa Rabbii keessatti soome Rabbiin woggaa torbaatama fuula isaa ibidda irraa fageessa».

sirrii Bukharif muslim irratti waliigalan Sahiiha muslim - 1153

Ibsa

Nabiyyiin -Rabbiin rahmataa fi nageenya isaan irratti haa buusu- namni jihaada keessatti haala Rabbiif qulqulleessee fi mindaa Rabbiin irra barbaadeen guyyaa tokko soome, jihaada keessattis jihaadaan alattis jedhameera, Rabbiin tola isaatiin gidduu isaatii fi gidduu ibiddaa woggaa torbaatama wol irraa akka fageessu ibsani.

bu'aa hadiisichaa irraa

  1. Beekaan islaamaa Nawawiin akkas jedhe: sadarkaan karaa Rabbii keessatti soomuu, nama isaan hin miidhamne, isaan dirqama biraa hin dabarsine, qabsoon isaa fi kan nama biraa dhimma duula isaa irraa isaan hirdhina kan hin mudanne yoo kan ta'u ta'eedha.
  2. Sooma sunnaa soomuutti kakaasuu fi kajeelchisuutu keessa jira.
  3. Ikhlaasnii fi jaalala Rabbii barbaaduun dirqama ta'uu isaa, na argaa fi na dhaga'aaf akkasuma fedhii biraatiif hin soomu.
  4. Aalimni Islaamaa Assindiin akkas jedhe: jechi isaanii (karaa Rabbii keessatti) jedhu, kan itti fedhame niyyaa tolfachuu ta'uutu mala, akkasuma haala duula irra jiruun soomuus ta'uu mala, kan gara sammuutti dafee dhufu immoo isa lammaffaati.
  5. Aalimni islamaa guddaan Ibnu Hajar akkas jedhe: jechi isaanii (arfaasa torbaatama) jedhu, woggaa keessaa yeroo beekamaadha, asitti kan itti fedhame garuu woggaadha, yeroo woggaa afran keessaa bona addatti dubbachuun -bona gannaa fi birraa- waan bonni irra qulqulluu yeroo fi isa keessa firiin waan bu'amuufi.

Hiikkaawwan dhiheessuu

47 Afaan
EN English الإنجليزية
UR اردو الأوردية
ES Español الإسبانية
ID Indonesia الإندونيسية
UG ئۇيغۇرچە الأيغورية
BN বাংলা البنغالية
TR Türkçe التركية
RU Русский الروسية
BS Bosanski البوسنية
SI සිංහල السنهالية
HI हिन्दी الهندية
ZH 中文 الصينية
FA فارسی الفارسية
VI Tiếng Việt الفيتنامية
TL Tagalog تجالوج
KU Kurdî الكردية
HA Hausa الهوسا
PT Português البرتغالية
ML മലയാളം المليالم
TE తెలుగు التلغو
SW Kiswahili السواحيلية
TA தமிழ் التاميلية
MY မြန်မာ البورمية
TH ไทย التايلندية
DE Deutsch الألمانية
PS پښتو بشتو
AS অসমীয়া الأسامية
SQ Shqip الألبانية
SV Svenska السويدية
AM አማርኛ الأمهرية
NL Nederlands الهولندية
GU ગુજરાતી الغوجاراتية
NE नेपाली النيبالية
PRS دری الدرية
SR Српски الصربية
RO Română الرومانية
HU Magyar المجرية
MOS Moore الموري
MG Malagasy المالاجاشية
KN ಕನ್ನಡ الكانادا
WO Wolof الولوف
UK Українська الأوكرانية
KA ქართული الجورجية
MK Македонски المقدونية
KM ភាសាខ្មែរ الخميرية
PA ਪੰਜਾਬੀ البنجابية
MR मराठी الماراثية