عَنْ سَعْدِ بْنِ أَبِي وَقَّاصٍ رضي الله عنه عَنْ رَسُولِ اللهِ صَلَّى اللهُ عَلَيْهِ وَسَلَّمَ أَنَّهُ قَالَ:
«مَنْ قَالَ حِينَ يَسْمَعُ الْمُؤَذِّنَ أَشْهَدُ أَنْ لَا إِلَهَ إِلَّا اللهُ وَحْدَهُ لَا شَرِيكَ لَهُ، وَأَنَّ مُحَمَّدًا عَبْدُهُ وَرَسُولُهُ، رَضِيتُ بِاللهِ رَبًّا وَبِمُحَمَّدٍ رَسُولًا، وَبِالْإِسْلَامِ دِينًا، غُفِرَ لَهُ ذَنْبُهُ».
[صحيح] - [رواه مسلم] - [صحيح مسلم: 386]
المزيــد ...
Sa'ad bin Abii Waqqaas irraa odeeffame, Rabbiin irraa haa jaalatu, Ergamaa Rabbii nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu akkana jedhan:
“Namni yeroo mu'azzina dhaga’u akkana jedhe: "Ashahadu an laa ilaaha illallaahu wahdahuu laa shariika lah, wa anna Muhammadan abduhuu wa rasuuluh, radiitu billaahi rabban wabimuhammadin rasuulaa, wabil islaami diinaa" diliin isaa isaaf dhiifama, hiikni isaas: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan hin jiruu, Muhammad gabrichaa fi Ergamaa Isaa ta'uu ragaa ba'a, Rabbiin Gooftaa ta'uu, Muhammad ergamaa ta'uu, Islaamummaan immoo amantii ta'uu jaaladhe jechuudha”.
[sirrii] - [Muslimtu gabaase] - [Sahiiha muslim - 386]
Nabiyyiin nagaa fi rahmanni irra haa jiraatuu namni mu'azzina yeroo dhaga'u du'aa'ii armaan gadii kana jedhe galata guddaa akka qabu himan: "Ashhadu an laa ilaaha illallaahu wadahuu laa shariika lah" jechuunis: Rabbii tokkicha hiriyaa hin qabne malee haqaan gabbaramaan akka hin jirree fi gabbaramaan Isa malee jiru hundi soba akka ta'e nan raggaasisa, ragaa ba'a, "Wa anna Muhammadan abduhuu marasuuluhu" jechuunis: Muhammad gabricha Rabbii kan gabbaramne ta'uu fi Ergamaa Isaa kan hin sobne ta'uu ragaa ba'a, "Radiitu billaahi rabbaa" jechuunis: Rabbiin hojiilee, gabbartii, maqoolee Isaati fi sifowwan Isaatin gooftaa ta'uu jaaladhe", “Wabimuhammadin rasuulaa", jechuunis: Muhammad hunduma waan isaan ergamanii fi nutti geessaniin waliin ergamaa ta'uu jaaladhe jechuudha, "Wabil islaami" jechuunis: Islaamummaa ajajoota fi dhoorgaalee irraa hunda heera fi seera isaa waliin jaaladhe jechuudha, “Diinaa" jechuunis: itti amanuu fi jala masakamuu keessatti amantii ta'uu jaaladhe jechuudha, “Diliin isaa ni dhiifama" jechuunis: nama du'aa'ii kana jedhe diliin isaa kan diliiwwan xixiqqaa irraa ta'e isaaf dhiifama jechuudha.